PandemicFlu.gov - AvianFlu.gov
 

Font Size Reduce Text Size  Enlarge Text Size     Print Send this page to printer     Download Reader  Download PDF reader

To’annaa Balaa Utaalloo Daddarbaaf Karoorfachuu

To’annaa Balaa Utaalloo Daddarbaaf Karoorfachuu Waan Namni fi Maattiin Gochuu Isaan Barbachisu Formaati PDFn

English

Sanadooti formaatii PDFn jiran Adobe Acrobat Reader® barbaadu.  Sanadoota PDF iirratti rakkoon yoo isin qunname Reader®hammayaa daawanloodii godadhaa.

Balaan Utaalloo daddarbaa utuu hin eegalin of qopheesuun ni barbaachisa.  Yoo balaan kun eegale badisii inni fiduu fi miidhaa inni nama irra geesisu hammam akka ta’u danda’u beekuufi miidhaa inni si fi maatii keerra geessisu salphisuf maal gochuu akka qabdu beekun barbaachisaadha. Hubachiisi to’annaa kun balaan utaalloo kun yoo eegale, odefannoo fi qabeenyi qabaachuun sirra jiraatu maalfa akka ta’an beekuf si gargaara.

1. Balaa Kanaaf Qophaa’oo Ta’uu:

  • Nyataa fi dhugaatii torban lamaaf ga’u ol kaawadha. Balaan ega eegale booda, tasa bakka waa bitattan dhaquun yoo hin danda’amnee, yookis meeshaan bitattan ilee yoo hin argamne, waan jireenyaaf barbaachisu hamma eeggannaaf ta’u manaa qabachuun barbaachisaadha. Qopheen akka kana yeroo balaa hatattama, ibsaan elektirikaa baduu fi bala biraa kan fakkaatan ilee ni barbachisa.
  • Qorricha hakiimiin dhibee adda addaaf ajajee akka gawutii mana keesa jiraachuu isaa mirkaneeffachuun barbaachi saadha.
  • Qoricha hakiimiin hin ajajamne, kan akka dhibee mataa bowuu, dhibee garaa, qufaa fi utaalloo kan fakkatan waldhaanuf ta’u, akkasumas waan dhugaatii elektrolaayitii of keesa qabuu, vitaamini adda addaa mana keessaa qabachuun barbachisaa dha.
  • Maatiidhaaf firoota keessaa tokko yoo dhukubsate attamin akka garagaaramuu danda’an, maal akka barbaachisuufi eenyuu garagaarsa akka keennuf mariyadha of qindeessaa.
  • Garagaarsa hatattamaa keennudhaaf gareewwan naannoo walin qindaa’uf hayyaanaafi qophii qabaadhaa.
  • Hawaasi naannoo jireenya keesani balaa utaalloo maraatiif qophee inni godhu keessatti qooda fudhadhaa.

2. Dhukubni akka hin tamsaane gochuuf tarkaanfii fudhatamuu qabu:

  • Ijoolleen harkaa isaanii saamunaa fi bishaaniin amaa amma akka dhiqatan warri ofii keesan dhiqachuudhaan barsiisaa.
  • Ijoolleen yeroo qufa’aniifi yeroo haxifatan, afaaniif funyaan isaanii akka haguugan barsiisa. Ofii keesanis akkasuma yoo gootan, ijoolleen ni baratu.
  • Warra dhukbsatan irra akka fagaatan ijoollee gorsaa. Yoo ofii dhukubsatan, gara waajjira hojii fi gara mana barumsaa hin dhaqinaa.

3. Yeroo dheeraaf utuu manaa hin ba’in turuf meeshaalee barbaachisan:

Fakkeenya nyaataafi wantoota dafanii hin badnee

Fakkeenya qorichaafi waan fayina qaamaaf hatattaman nama barbachisan

  • Nyaachuuf kan qophaayee foon, qurxumii, muduraa, kuduraa, baaqelaa, mooqa xaasaa keessatti qophaa’an

  • o Qoricha Hakiimiin ajajee kan akka glukoosi fi meeshaa dhibee hiddaa dhigaa keessaa ittiin to’atan

  • Prootiinii yokis nyata goga

  • Saamuna fi bishaan, yokis waan ittin harka dhiqataan kan biraa (60-95%)

  • Midhaan callaa yookis granoola

  • Qorrichaa mata bowuu fi laalo qaama kan foyeesu kan akka acetoominofiin fi ibiuprofiin
  • Dhadhaa ocholoonii yookis ocholonii

  • Termoomeetra

  • muduraa goggoge

  • Qoricha garaa kaasaa

  • Kraakarii

  • Vitaaminii adda adaa

  • Cuunfaa muduraa xaasaa keessa qophaa’e

  • Waan dhugaatii elektrolaayitii kan qabu

  • Bishaan xarmusi keessaa

  • Saamuna miicaaf ta’u

  • Nyaataa fi aanan da’imanii xaasaa keessaa

  • Ibsaa baatrii

  • Nyataa sareefi aduree

  • Dhagaa baatrii

  • Nyaataa adda addaa kan tortoree hin badne.

  • Raadiyooni harkaa

 
  • Meeshaa xaasaa nyaataa ittin banan

 
  • Karaxiitii kosii

 
  • Maaraba funyaani, waraqata itti hojjetame ykn sooftii, daayipara daa’imanii


Waraqaa Odeffannoo Fayyaa Maatii Yaroo Hatattamaa

Uunkaa Yaroo Hatattamaa Fira Ittiin Waaman  

Odeffannoo Dabalataaf

  • www.pandemicflu.gov ilaalaa
  • Daabbata Eegumsa Fayyaafi To’annaa Dhibee (CDC, kan jedhmu) bilbila. 1-800-CDC-INFO (1-800-232-4636), Afaan Ingliziitiif Afaan Ispaaniishiitiin, guyyaatii sa’atii 24, 7 guutuu, ni hojjeta. Kan gurri hin dhagenyee: 1-888-232-6348 bilbilaa. Gaaffii adda adaaf teesoon emeelii: cdcinfo@cdc.gov.
  • Teessoon Waajjira Fayyaa Ummataa Ameerikaa http://www.cdc.gov/other.htm#states.

Wajjira Fayyaafi Tajaajila Ummataa Ameerikaanii